Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Hiindii Kaayirootti Prezidaantii Masrii Waliin Dubbatan


Prezdaantii Masrii Abdel Fattah el-Sissi Muummicha Ministeera Hindii Naareendiraa Moodii, Kaayiroo, Waxabajji 25, 203.
Prezdaantii Masrii Abdel Fattah el-Sissi Muummicha Ministeera Hindii Naareendiraa Moodii, Kaayiroo, Waxabajji 25, 203.

Prezdaantiin Masrii Abdel Fattah el-Sissi Dilbata kaleessaa muummicha ministeera Hindii Naareendiraa Moodii, Masaraa Pirezidaantii kan Kaayiroo keessaa jiruutti simatanii jiru.

Muummicha ministeeraa daawwannaa kanaaf imalaniif, kabaja mootummaa olaanaa Masrii kan ta’e kan badhaasan yoo ta’u, lamaan isaanii waliigalteewwan heedduu walduraa duubaan mallatteessaniiru.

Jalqaba bara kanaa irra biyyoonni lamaan tumsa daldala waliinii guddisuuf waliigalanii turan.

Biyyi addunyaa irratti baay’ina ummataa heedduu qabdu Hindiin, dhukuts boba’aa, qamadii fi gaazii uumamaa dhangala’aa, soogidda, jirbii, keemikaalota kan uumamaa hin taanee, fi sanyii zayitaa dabalatee oomishaalee Masrii biyya alaa galchitu shanan keessaa tokkodha.

Sambata darbe Kaayiroo kan dhaqqabanMoodiin waggoota kurnan lamaa ol keessatti, muummicha ministeeraa Hindii daawwannaa mootummaa biyya Masrii taasisan kan jalqabaati.

Guyyoota lamaaf Masriitti goruun isaanii kun, El-Sissi guyyaa walabummaa Hindii irratti keessummaa ta’uun Niiw Deelii erga dhaqanii ji’a jaha booda ta’u isaati.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG