Televijiiniin mootummaa Raashiyaa Kibxata har’a viidiyoo Ministirri Ittisaa Sargee Shoiguu ennaa isaanii waraana daawwatan agarsisee jira.Kunis erga fincila yeroo gabaabaa hogganaan Yevgeny Prigozhin fi humnoonni isaa ka’anii booda yeroo jalqabaaf ummata duratti mul’atan.
Gabaasni ba’e angawaan kun yoom loltootaa fi ajajoota qaama weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte ta’uun adda baafaman waliin yoomii fi eessatti akka wal argan hin ibsine.
Barreessaan olaanaa kan NATO Jens Stoltenberg wiixata har’a ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, fincilli Raashiyaa keessatti ka’e “dhimma keessoo biyyatti” ta’us, “dogongora tarsiimoo guddaa Pirezidaanti Puutiin seeraan ala Kiriimiyaa qabachuu isaanii fi waraana Yukireen irratti godhaniin hojjetan” agarsiisa jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Bliinkan sagantaa Teleeviziyoona ABC “This Week” jedhamu irratti akka himanitti, waraanni kun “Puutiiniif kufaatii tarsiimoo hamaa ta’eera jechuun ni danda’ama. Kunis gama ejjennoo dinagdee, waraanaa, hariiroo siyaasa addunyaa.” fuula hunda keessatti –jedhan.
Hogganaa Beelaaruus Aleeksaandar Lukaasheenkoo waliin mari’achuun Hogganaan Raashiyaa Puutiin, hogganaan looltoota finciilanii Prigozhin, seeratti hin dhiyaatu jechuun biyya ollaa taatee Beelaaruus, kan michuu Raashiyaa, akka deemu hayyamaniif.
Forum