Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaan dhimma baqattootaa UNHCR baqattoota Eritiriyaa Itiyoophiyaa keessaa baafamanii gara Erritiriyaatti akka deebi’an taasisuun seera baqattootaa Idil Addunyaa dhiibuudha jedhe.
Jaarmiyichi deebii sagalee Ameerikaaf kenneen galmeen baqattoota haaraa Eritiriyaarraa haaraa dhufanii ji’a muddee bara 2020 irraa kaasee sababa waraana Tigiraay keessaan kan dhaabbatee fi waraaqaa eenyummaa isaanii haaromsuunis akkasuma akka ta’e ibsee, baqattoonni kunneen baay’een isaanii Tigiraay irraa gara Finfinneetti akka dhufan taasifamuus ifoomseera.
Mootummaan Itiyoophiyaa garuu gama isaan warri gara Eritiriyaatti akka deebifaman taasifaman baqattoota ykan kaneenn kooluu galtummaa barbaadan miti jedheera jechuun, Gebire Mikaa’eel Gabremadihiin Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum