Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Lammiwwan Keeniyaa Godinaa Lamuu Keessa Jiraatan Haleellaa  Shororkeessotaa Gidduu Kanaatii Booda Qehee Ofii Dhiisanii Baqatan


Suuraa viidiyoo irraa fudhatame. Keeniyaa, Lamuu
Suuraa viidiyoo irraa fudhatame. Keeniyaa, Lamuu

Keeniyaa Ganda baadiyyaa naannoo Laamuutti halleellaa Shororkeessitootaan fudhatameen lubbuun namoota Afurii darbee kanneen Afur ta’animmoo madaa’uutti aanee Jiraattoonni Juhudi naannicha gadhiisanii baqataniiru. Dhukaasni kan dhaga’ame Wiixata darbe waaree booda fi Snabata darbe wal duraa dubaan akka turedha kan jiraattonni himan.

Yuunaas Niyoorookee gargaaraa bulchaa ganda Majembeni kan taate humnoonni nagenyaa ga’aan naannoo sanatti ergamuu himuun haleellaan raawwatame fi dhukaasni dhuka’aa ture humnoota garee shororkeessitootaa fi kanneen nageenyaarraa ta’uu qorachaa akka jiran himaniiru.

Humnoonni nageenyaa Mootummaa garasitti bobbaafaman namoonni qe’ee isaani gadhiisanii baqatan gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gaafachaa jiru. Namoonni ijaan agarre jedhanimmoo jiraattonni gandoota Juhudii fi Salaamaa ammas halleellaan biraan dhufuu mala sodaa jedhuun qe’ee isaanii gadhiisanii baqataa akka jiran himu.

Keeniyaan bara 2011 karaa gola nagaa eegumsaa gamtaa Afrikaan gara Somaaliyaatti humnoota nagaa eegsisan ergiteen booda halleellaa Garee humnoota Al-shababiin irra deddeebbiin rukutamaa turte jedha gabaasni Mohaammad Yusuuf sagalee Ameerikaaf erge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG