Mootummaan Zaambiyaa amma Aangoorra jiru qabeenyaa maatii pirezidaantii Zaambiyaa duraanii Edgaar Luunguu waliin wal qabatu jedhaman shakkii malaammaltummaan akka hin sochoone uggure. Abbaan Seeraa Zaambiyaa akka ifoomseetti Pireziidaantiin uraanii Zambiiyaa Edgaar Luunguu aangoo isaaniitti fayyadamuun qabeenya malaammaltummaan horatan kanneen maatii isaanii waliin hidhata qaban dhaabbileen 20 ta’an akka dhorkamanidha.
Qabeenyaawwan kunneenis kan dhorkaman labsii seera yakkaa bara 2010 akka biyyatti mirkanaa’een mootummaan qabeenyaa seeraan ala horataman jedhee yoo amane dhorkuu danda’a kan jedhuun akka ta’e mootummaan biyyattii ifoomseera. Abukaatoo fi Gorsaan seeraa Edgaar Luunguu, Maakebii Zuuluu Sagalee Ameerikaatti akka himanitti maammilli isaaniis ta’e isaan himannaa dhiyaaterratti mana murtiittii dhiyaatanii falmaa turuu ibsanii, qoranichi waggaa tokkoof kan ture ta’us maamiloonni isaanii kunneen qabeenyaawwan kanneen haala kamiin akka horataniif ibsa ga’aa dhiyyeeffataniiru jedhan.
Itti dabaluunis gochaan kun ta’e jedhamee Pireziidantii duraanii Luunguu, haadha warraa isaanii Isteer fi ijoollee isaaniirratti kan xiyyeefate jedhan.
Pireezidaantiin Zaambiyaa ammaa malaanmaltummaa irratti tarkaanfii fudhanna haa jedhaniyyu malee kan isaan xiyyeeffatan namoota siyaasaa isaan morman irrattidha jechuun qeeqni isaan irratti dhiyaata.
Forum