Yunaaytid Isteetis fi Tokkummaan Mootummoota gargaarsa nyaataa kennamuu erga dhaabsisanii booda bulchiinsa naannoo Tigraay kaabaa keessatti, torbanneen darban keessa yoo xiqqaate namoota 700 ta’an beelli ajjeesuu isaa, qondaaltonni naannoo fi qorattoonni himanii jiru.
Angawoonni Tokkummaa Mootummootaa fi kan Yunaaytis Isteetis jalqaba baatii Bitooteessa keessa gargaarsi nyaataa Tigraayiif kennamu dhaabsisan. Kunis erga qamadii namoota rakkataniif yaadamee arjoomame, hatuuf shirri fi qophiin akka jiru eega beekamee booda.
Jalqaba baatii Waxabajjii tti immoo, raabsa gargaarsa nyaataa kana dhaabuu, Itoophiyaa bakka hafeetti hojii irraa oluun isaa, namoota rakkatan miliyoona 20 ykn ummata biyyattii gara harka jahaa keessaa tokko miidhee jira.
Komishiniin Bulchiinsa Sodaa Balaa kan Tigraay baatii Bitooteessa keessa raabsii gargaarsa nyaataa erga addaan citee as Godiinoota Tigraay torba keessaa sadii keessatti beelaan walqabatee lubbuun namoota 728 darbuu galmeessee jira. Odeeffannoon kun kan qondaaltonni aanaa walitti qaban irratti kan hundaa’e ta’uu hogganaan komishinichaa obbo Gebrehiwot Gebregziaher himaniiru.
''Haalli Tigraay keessaa akkaan rakkisaa dha, Sababa hanqina nyaataatiin namoonni hedduun du'aa jiru,'' jedhan Obbo Gebrehiwot. Qorattoonni Yunivarsiitii Mekele addatti, namoonni 165 erga gargaarsi nyaataa addaan citee jalqabee, mooraa buqqaatootaa naannoo jiru 7 keessatti sababa beelaan du’uu isaanii galmeessanii jiru.Tigraay keessa mooraa buqqaatonni keessaa biifatan 100 caalaatu jira.
Kanneen du’an harka caalaan isaanii daa'immanii, maanguddootaa fi namoota rakkoo fayyaa kan bu'uuraa qaban ta’u qorataan soda nageenyaaf jecha eenyummaan isaanii akka hin ibsamnee gaafatan tokko dubbatanii jiru.
Du'a dhaqqabee kana kallattiin gargaarsi addaan cituu waliin walqabsiisanii jiru.
Tokkummaan mootummootaa Waxabajjii 14 odeeffannoo haaraa baaseen sabababaa haanqiina nyaataan Tigraay keessatti daa’imman hospitaala seeneen Ebla bara 2022 fi Ebla bara 2023 jechuun waggaa tokko keessatti harka 196 dabalee jira.
Waraanni tibbana Tigraay keessatti gaggeeffamee, uummata Tigraay miliyoona 6 keessaa miiliyoona 5.4 gargaarsa nyaataa irratti hirkatanii akka jiraatan taasisee jira
Forum