Dhukkuuba Busaa waliin wal fakkeenya kan qabu dhukkubii Deeng bulchiinsa naannoo Afaar keessa kan jiran godinaalee lama , aanaalee torba keessatti mul’achuu isaa itti gaafatamaan waajirri Fayyaa naannoo Afaar Obbo Yaasiin Haabiib ibsanii jiru.
Baatilee dabran 3 keessatti qofa, namoonni 4700 dhukkuuba kanaan qabamuu ibsamee jira.Roobnii argamuus itti fuufiinsa waan hin qabneef jecha, ittisuuf yaalii ta’u irratti dhiibbaa uumuu isaa kan ibsan Obbo Yaasiin, namoonni du’an jiru jedhan.
Lakkoobsii namoota dhukkuuba kanaan qabamanii dabalaa adeemuun tajaajiila buufata fayyaan kennamuu irratti dhiibbaa uumuun isaa ibsamee jira.
Gama kaaniin jalqaba bara 2023 kaasee baatilee dabran 6 keessatti, aanaalee 43 keessatti uummanni kuma 66 caalaan dhukkuuba Busaan qabamuu fi kunis dabalaa akka deemuu Obbo yaasiin ibsan jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira.
Forum