Hookkarri Sudaan keessatti dabalaa dhufe kun hanga baatii Onkolooleessa dhufuutti, baqattoota miliyoona 1 ol Sudaan keessaa baasuu hin oolujechuun , Tokkummaan Mootummoota Kibxata kaleessaa beeksisee jira. sababiin isaas waldhabdeen torban 10f ture kun mallattoolee muddamsii salphachuu muraasa agarsiisa jira.
Hogganaan Humnoota Deeggarsa Saffisaa kan Sudaan Mohaammad Hamdaan Dagaloos Kibxata kaleessaa irraa eegalee ayyaana Musliimaa Iid al-Adha ilaalchisee dhukaasa dhaabuu sa’aatii 48 labsan. Wal waraansii eega ka’ee as namoota nagaa irratti sarbama mirga namoomaa raawwatameef humnootii ofii akka itti gaafataman himan. Garuu xiinxaltoonni dhukaasa dhaabuu hedduu erga fashalaa'ee booda shakkii keessa kan jiran yoo ta'u, galmee gaarii hin taanee kan Dagalo sarbama mirgaa irratti qabu hubatu.
Wal waraansii Erga jalqabee as namoonni 3,000 ol kan ajjeefaman ta’uu Ministeerri Fayyaa kan Sudaankan ibse yoo ta’u, namoonni gara miliyoona 2.5 ta’an ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jedha Tokkummaan Mootummootaa.
Jeequmsi kun kan baay’ee cimaa ta’e magaalaa Kaartuum keessatti yoo ta’u, naannoo Daarfuur gama dhiyaa keessattis ni mul’ata. Achitti humnootiin waraana ariifachiisaa fi milishoonni Arabaa, gosa Araba hin taanee irratti qiyyaafachuu isaanii gabaafameera jechuun, gareeleen mirga namoomaa naannoo sana jiranii fi Tokkummaan mootummootaa ibsanii jiru. Naannoo Sanaa Kanneen miliqanii ba’an irra caalaan isaanii gara Chaaditti baqatan.
Forum