Pireezidaantiin Seeraaliyoon Juuliyas Maadaa Biyoon filannoo pirezidaantii gaggeefame irratti sagalee harka 56 ol argachuun injifachuu isaanii kan mirkaneessan yoo ta’u, morkataa isaanii guddaa Saamuraa Kamaraa waliin walmorkiin marsaa lammaffaa akka hin geggeeffamneef komishiniin filannoo biyyatti Kibxata kaleessaa Waxabajjii 27 beeksiseera.
Biyoon, umriin isaanii 59 yoo ta’u, , marsaa jalqabaa rakkina dinagdeetiin mufannaa guddachaa dhufeen erga jeeqamee booda, filatamuuf irra deebi’anii dorgomaa turan.
"Biyoo Juuliyaas Maadaa sagalee seera qabeessa waliigalaa kenname keessaa harka 56.17 argachuun pirezidaantii ta'uun filatamuu isaa nan mirkaneessa," jedhan komishinarri olaanaa filannoo Seeraaliyoon Mohaammad Kenewui Konneh.
Mormituun isaanii kan umriin 72 kamaaraan adda addummaa xiqqoon bara 2018 kan injiifataman yoo ta’u, amma immo sagalee kennamee keessaa harka 41 argatan.
''Ba'iin filannoo labsamee kun qabatamaa miti, kanaaf cimseen didaa,'' jechuun Kamaraan Tiwiitara irratti labsan.
Forum