Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattonni Balaa Galaana Irraaf Saaxilamuun Guddaa Yaaddeessaa Ta’uu Gamtaan Awurooppaa Ibse


FAAYILII - Bidiruu baqattoota biyyoota adda addaa fetee galaana Medeteriyaaniyaaniirra deemtu, Liibiyaa, Waxabajjii 17, 2023.
FAAYILII - Bidiruu baqattoota biyyoota adda addaa fetee galaana Medeteriyaaniyaaniirra deemtu, Liibiyaa, Waxabajjii 17, 2023.

Torban darbe tattaaffiin baraarsaa Galaana Meditiraaniyaanii keessatti ta’een, doniin qurxummii ittiin qaban Namoota 500 ol namaan guutame liqimfamuun dhabame keessaa, namoota lubbuun hafan caalaa reeffi namootaa argamaa akka jiru, pirezidaantiin Komishinii Awurooppaa ibsuun gabaafamee jira. "Wanti ta’e suukaneessaadha,waan ariifachiisaan immoo, tarkaanfii fudhachuu qabna,” jechuun Ursula von der Leyen waajjira muummee damee hojii raawwachiiftuu Gamtaa Awurooppaa Biraasels keessatti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin dubbataniiru.

Waan ilaalchii duraa itti kennamuu qabu jedhan, aangawoota Tuuniziyaa gargaaruu dha. Bakka namoonni gara Awurooppaatti imalan yeroo tokko tokko irraa ka’an — dinagdee ishee tasgabbeessuu fi godaansa haala gaariin gaggeessuuf gargaaruu, akkasumas haaromsa seera koolu galtummaa Gamtaa Awurooppaa yeroo dheeraaf eegamaa ture xumuruu ta’uu qaba. Kunis barri haaraan ituu hin seeniin dura ta’u qaba jedhan.

Doonii godaantootaa Liibiyaa irraa kaate keessaaa, carraan namoota lubbuun hafan argamuu danda'u xiqqaa ta'uun isaa, dubbatan Von der Leyen kunis isa waggoota kurnan dura raawwate irraa baay’ee faallaa ture. Walgahii Kamisa borii gaggeeffamu irratti hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa karoora von der Leyen irratti ni mari’atu. Biyyoonni akka Oostiriyaa, Haangaarii fi Poolaandi baqattoota Giriik, Xaaliyaanii, Maaltaa ykn Ispeen dhaqqaban, kamiyyuu akka hin seenne dhorkuu irratti xiyyeeffata.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG