Manni murtii Biriteen namoota dahata siyaasaa gaafatan gara Ruwaandaatti erguuf karoorri inni baase seeraan ala ta’uu murteessuun, bulchiinsi safuutti cichu koolu galtoota karaa galoo bishaan Inglizii ba’uun mila balaa qabu geggeessan dhaabsisuuf waadaa seenan miidhaa guuddaa fidee jira.
Abbootiin murtii mana murtii ol iyyannaa sadii Ruwaandaan akka biyya amansiisaa sadaffaa bakka godaantonni itti ergamuu danda’anitti ilaalamuu hin dandeessu jedhan. Mootummaan murtii kana Mana Murtii Olaanaa Biriteeni-tti mormuu hin oolu.
Muummichi ministeeraa Rishii Sunaak “bidiruu dhaabuuf” waadaa galaniiru kunis kan agarsiisu doonii garmalee namaan guutamee fi dooniiwwan xixiqqoo biroo kaaba Faransaay irraa godaantoota Biriteen keessa jiraachuu abdatan fe’anii gamas seenanitti quba qabuu isaanii ti. Bara 2022 karaa galoo bishaa kanaa ba’uu dhaan namooni 45,000 Biriteeniin kan ga’an yoo ta’u hedduun immoo yaalii utuu du'aniiru.
Mootummoonni Biriteen fi Ruwaandaa waggaa tokkoo oliin dura godaantonni tokko tokko bidiruu xixiqqootiin Briteeniin dhufan gara Ruwaandaatti balla gaaffiin koolu galtummaa isaanii itti ilaalamutti akka ergaman irratti waliigalaniiru. Warri koolu galtummaa argatan gara Biriteenitti deebi'uurra biyya Baha Afrikaa keessa keessa tursiisamu.
Forum