Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qulqullinni Barnootaa Dhabamuuf Sababaan Bu’uuraaleen Barnootaa Dadhabuu Dha: Ministrii Barnoota Itiyoophiyaa


Dr.Berhanu Nega
Dr.Berhanu Nega

Itiyoophyaan manneen barnootaa guutummaa biyyattii keessa jiran kanneen kuma 50 ta’an keessatti bu’uuraalee manneen barnootaa deebisanii dhaabuu fi fooyyessuuf duula eegalte.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa Kamisa kamisa har’aa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, manneen barnootaa keessatti bu’uuraaleen misoomaa fi akkaataa barnoonni itti kennamu dadhabaa ta’uun qulqullina barnootaa sadarkaa gadi aanaa ta’eef gumaacheera.

Ityoophiyaatti manneen barnootaa kuma 50 ta’an keessaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessaa dhibba irraa harki 71 ol, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa dhibba irraa gara harka 86 sadarkaa gadi aanaa irra akka jiran dubbataniiru.

Kanarraa ka’uun ministeerichi waggoota shan keessatti bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa kuma 50n kanaa deebisanii dhaabuu fi fooyyessuuf sochii ummataa ka sadarkaa biyyoolessaa eegaluuf karoorfateera.

Ministirichi sochii manneen barnootaa deebisanii dhaabuu fi fooyyessuuf taasifamu irratti ummanni, dhaabbileen mootummaa, invastaroota, dhaabbilee kan mootummaa hin ta’inii fi michoonni sadarkaa addunyaa ni bobba’u jedhan jechuun Gebremichael Gerbire Medin gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG