Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raabsiin Miidhaman Nyaataa Gara Tigraayitti Ergamu Ni Jalqaba Abdii jedhu Qabaachuu Ministriin Dhimma Alaa Beeksise


Dubbi himaa ministeera dhimma alaa Itiyoopohiyaa MellaseAlem
Dubbi himaa ministeera dhimma alaa Itiyoopohiyaa MellaseAlem

Mootummaan Itiyooophiyaa raabsii nyaataa naannoo Tigraay dhiyootti hin jalqaba jedhee kan abdatu ta’uu ibsee jira. Dubbi himaan ministrii haajaa alaa ambaasaadder Melles Alem har’a tuuta oduuf ibsa kenname irratti akka dubbatanitti, mootummaa Itiyoophiyaa fi michoota gargaarsaan kan dhaabate koreen waloo, michoonni gargaarsaa dhiyeessii midhaan nyaataa akka dhaaban kan isaan taasise gochaalee seera dhabulummaa gad fageenyaan qorataa jira jedhan.

Baqattoonni Eertraa fedha isaaniin ala gara biyya isaaniitti deebi’aniiru himannaa jedhu kan ilaaleen, namoota seeraan ala biyyattii keessa turanii fi kanneen mooraa keessa qubsiisaman dhiisanii ba’antu deebisame jedhan.

Dubbi himaan kun gama biraan Itiyooophiyaan wal ta’iinsa dinagdee garee biyyoota BRICS jedhamu kan Brazil, Rashaa, Hindii fi Chaayinaa of keessaa qabutti makamuuf fedhee qabaachuu beeksisan. Biyyattiin sirnaan iyyata dhiyeeffachuu isee illee dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG