Raashiyaan Jeneerala Humna Waraanaa ishii kan garee Vaagnaar waliin hidhata qaba jette hidhuu ishee sabaa himaaleen gabaasaa jiru. Jeneeraal Sergeey Suroovikiin Garee Vaagnar kan sanbata darbe Fincilani waliin hidhata qabaachuutti shakkamee to’annaa jala oolfamuu The Financial Times fi The New York times kamisa kaleessaa gabaasaniiru. Jeneeral Suroovikiin erga waxabajjii 24, gaafa humnoonni garee Waagnar fincilanii gara Mooskootti imalanii turanii kaasee Uummatatti mul’atanii hin beekne uummanni eessa dhaqanii gaafachaa jira. Shakkiin to’annaa jala oolfamaniiru jedhus kan dhufe Jeneraalli kun hoogganaa garee warra Vaagneer waliin walitti dhufeenya gaarii qabu tures jedhameera.
Hooganaan Itti aanaa humna waraanaa kan Raashiyaa warra gara waraana Yuukireenitti ergamaniiran Jeneraal Surovikiin karaa seera qabeessaan himannaan isaan irratti dhiyyaachuu fi gaaffiif barbaadamanii to’annoo jala oolfamanii waanti beekame hin jiru. Mooskoonis hanga ammaatti ifatti waa’ee Jeneeraala humna waraanaashee kanarratti ibsi kennite hin jiru.
Forum