Kibxata darbe biyya Faraansaay maagaalaa lixa Paaris baakka Nantiree jedhamutti Poolisiin dargageessa waggaa 17 konkolaataa ofaa jiru dhaabuu dideera jechuun rasaasaan rukkutuun ajjeeseera. Mormii Uummataa ajjechaa kanatti aanee ka’een walitti fufinsaan har’a guyyaa sadaffaa isaa qabateera. Magaaloota biyyattii hedduu keessattis mormiin kun gara hookkaraatti jijjiiramuun namoonni mormiif ba’an kun daandiirratti waantoota akka goommaafaa guggubuu, gamoowwan caccabsuun itti fufeera Dargageessi maqaan Nahel jedhamu kun Lammii Faraansaay ta’ee kan hidda dhaloota Morokoo fi Aljeeriyaa qabudhas.
Pireezidaantiin Faraansaay Imaanu’eel Maarkoon Ajjeechaan raawwatame fudhatama hin qabu jedhanii Jimaata kana Kaabinee isaanii dhimuma kanarratti Yaa’ii ariifachiisaaf waamaniiru.
Pooliisiin Ajjechaa kana raawwate to’annaa jala oolee , himannaan ta’e jedhee ajjeechaa raawwachuu irratti banamee jira. Abukootoonni Poolisii kanaa akka jedhanitti maamilli isaanii ajjeechaa raawwatetti gaabbuu isaa himanii garuu yeroo sanatti murtoon fudhate kun sirrii ta’uu hima jedhaniiru.
Magaaloota biyya Faraasay kanneen akka Paaris, Marseeyillee Liyoo fi Tuuluus keessatti hiriira mormii hookkaraan wal maketu taasifamaa jira. Mormii kana tasgabbeessuufis biyyattii keessatti Poolisoonni Kuma Afurtama ta’an bobbaafamaniiru. Lakoofsi humnoota Nageenyaa haa dabalamuyyuu malee hanga ammaatti garuu mormii uummataa kana tasgabbeessuu hbin dandeenye.
Mormii kanaan walqabatee hanga ammaatti polisiin namoota 600 to’annaa jala oolchuu ibsee, poolisoonni 200 ta’animmoo madaa’uus ifoomseera.
Haati dargaggeessa waggaa 17 Naaheel yeroo mormii kanatti yaada Televizhiyoona Firaansi 5 ‘f kenniteen ani poolisii mormaa hin jiru. Ani nama tokko . Nama mucaa koo na jalaa ajjaeseen morma jechuun ibsite.
Forum