Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Waagner Biyyoota Afriikaatti Nagaa Eegsisuuf Ergaman Dhimmi Isaa Kan Biyyoota Walii Galtee Sana Raawwatanii ti Jetti Raashaan


Faayilii- Ministrii haajaa alaa Raashaa Sergee Laavroov
Faayilii- Ministrii haajaa alaa Raashaa Sergee Laavroov

Ministirri haajaa alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov jimaata har’aa ibsa kennaniin biyyoonni Afrikaa baay’een walii galtee humnoota nageenyaa garee Waagnar waliin qaban mootummoota biyyoota sanaa warra walii galticha raawwatanirratti hundaa’a jedhan.

Walii galteen humnoota Garee vaagnerii fi biyya Waaltaa Ruppaabulika Afrikaa akkasumas kanneen biroo waliin taasifameeru kalattiin mootummoota biyyoota sanaa waliinis jedhan Sergeey Laavroov.Kanaafuu jedhanii biyyoonni garee kana waliin walii galtee nageenyaa eegsiisuu raawwataniiran mootummoota biyya isaanii warra walii galticha raawwatan ilaallata jedhan. Garuummoo jedhan Ministirri humna waraanaa Raashiyaa Biyyoota Afrikaa hedduu keessaa gorsitoota waraanaa hedduu qaba jedhan.

Gareen Waagneer kanneen waraana Yuukireen waliin Raashiyaan taasisaa jirturratti bal’inaan hirmaatan sanbata darbe mormii kaasaniin magaalaa Kibba Raashiyaatti argamtu Rostov –on-don qabchuun gara magaalaa guddittii Moskootti deemaa turan waliin dubbii taasifameen dhaabbachuu danda’eera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG