Waraana Sudaan fi humnoota deeggarsa saffisaa ykn RSF gidduutti Dilbata kaleessaa wal waraansii cimee kan itti fufe yoo ta’u, magaalaa Kaartuumii fi naannolee dhihaa keessatti wal waraansii gaggeeffamaa jiru torbee 12ffaa keessa seenee, karaa nagaa xumuruuf yaaliin taasifamu hin jiru.
Haleellaan qilleensa irraa fi meeshaa waraanaa gurguddaa akkasumas dhukaasni meeshaa xixiqqaa keessumaa magaalaa Omdurman keessatti, akkasumas magaalaa Kaartuum keessatti dhaga’amuu danda’eera. sababiin isaas waldhabdeen kun rakkoo gargaarsa namoomaa hammeessaa fi dantaa naannoolee biroo ofitti harkisuuf sodaachisaa jira.
Hidhattonni humna saffisaa ykn RSF, xiyyaara waraanaa mootummaa fi Diroonii Bahri keessatti kuffisuu isaa ibsu. Kan ilaalchisee waraanni Sudaan battalumatti deebii hin kennine.
''Sodaa guddaa keessa jirra, guyyaa guyyaan haleellaan hammaataa dhufeera,'' jechuun Omdurmaan keessaa kan jiraatu dargaggeessi ganna 25 Nahid Saalaa kaaba Omdurman dhaabata oduu Rooyitarsiif himeera.
Humnootiin RSF magaalaa Kaartuum keessatti lafoo ol’aantummaa kan qabuu fi mana namaa saamuu fi dhuunfachuun himatamaa kan ture yoo ta’u, raayyaan waraana biyyattii immoo haleellaa qilleensaa fi meeshaa waraanaa gurguddaa irratti xiyyeeffatee jira.
Reuters/jg/dw
Forum