Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looltoonni Buruundii Kanneen Somaaliyaa Keessa Jiran waggaa Biyyi Isaanii Itti Wlaba Taate Kabajan


Loltoota Burundii garee Gamtaa Afrikaa 'AMISOM' jedhamu keessa jiran, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Adoolessa 11, 2017.
Loltoota Burundii garee Gamtaa Afrikaa 'AMISOM' jedhamu keessa jiran, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Adoolessa 11, 2017.

Loltoonni Burundii kanneen Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa keessa jiran, guyyaa biyyi isaanii walabummaa ishee itti argattee waggaa 61ffaa Sambata darbe magaalaa Moqaadishoo fi Jowhar keessatti kabajanii jiru.

Sagantaawwan magaalota lamaan keessatti gaggeeffaman irratti aangawoonni sadarkaa olaanaa kan imala gamtaa Afrikaa fi bakka bu’oonni Tokkummaa Mootummoota argamaniiru. Hogganaan Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Mohaammad El-Amine Souef, Burundiin nagaa Afrikaa keessattuu Somaaliyaa fi Afrikaa waaltaa keessatti gumaacha guddaa taasifte ibsaniiru.

Somaaliyaatti Itti Aantuu Bakka Buutuun Addaa kan Barreessaa duree Tokkummaa Mootummoota Aniitaa Kiki Gbeho, hamilee fi wareegama nagaa eegdota Burundii faarsuun, deeggarsa Tokkummaan Mootummoota Ergama Gamtaa Awurooppaatiif akka itti fufiinsa qabu mirkaneessaniiru. Burundiin walabummaa ishee Beeljiyeem irraa kan argatte Adooleessa 1, 1962 ture.

Ap/jg/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG