Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaartuma Gama Lixaa, Omdurmaan Keessatti Har'a Wal-Waraansa Cimaatu Geggeessame


FAAYILII - Wal waraansa Kaartuum keessaatin aara halaalaa mullatu, Sudaan, Waxabajjii 23, 2023.
FAAYILII - Wal waraansa Kaartuum keessaatin aara halaalaa mullatu, Sudaan, Waxabajjii 23, 2023.

Humni Waraanaa Sudaan karaa gargarsi humnoota waraanaa humna addaa jedhaman kan Mohaammad Hamdaan Dagalooniin hoogamanitti cufuuf yaaluus magaala guddittii Kaahaartuum dabalatee ammayyuu waraanni hammaachuu jiraattoonni himan. Humni Waraanaa Sudaan haleellaa xiyyaaraa fi meeshaalee waraanaa gurguddoo fayyadamaa jiras jedhan namoonni ijaan argine jedhan.

Magaalaa Omdurmaan kessatti humnoonni waranaa RSF jedhaman kan moohhaammad Hamdaan Dagaloon hoogganaman xiyyaara waraanaa haleelanii lafaan dhahuu jiraattoonni viidiyoo gadhiisaniin argameera. Gama humna Waraanaa Sudaaniin hanga ammaatti dhimma kanarratti waan jedhame hin jiru.

Akka jiraattonni jedhanitti wal waraansii fi halleellaan Kibxata kaleessaa Omdurmaanitti taasifame waraana guddaa isa torbaan kanaa akka ta’edha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG