Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Senegaal Maakii Saal Filannoo Dhufu Irratti Akka Dorgomuuf Hin Deemne Beeksisan 


Pireezidaantii Seneegaal Maakii Saal walgahii Faaynaansii Paariss keessatti geggeeffame irratti, Faransaay, Waxabajjii 23, 2023.
Pireezidaantii Seneegaal Maakii Saal walgahii Faaynaansii Paariss keessatti geggeeffame irratti, Faransaay, Waxabajjii 23, 2023.

Pireezidaantiin Seneegaal Maakii Saal akka heerri biyyattii jedhutti yeroo tajaajilaa koo xumureen jira jechuun filannoo marsaa itti aanurratti akka hin hirmaanne ibsan Pireezidaantiin Seneegaal Amma Aangoorra jiran Maakii Saal wiixata kaleessaa ibsa kennaniin filannoo biyyaaleessaa waggaa dhufu biyyattiitti gaggeeffamuf jirurratti akka hin dorgomne himan.

Ibsa isaanii kanaan boodas namoonni siyaasaa akkasumas jiraattoonni wal qooduun wal falmaa jiru. Pireziidantichi marsaa lammaffaaf filamanii waggaa Kudhaniif Senegaaliin tajaajilanii akka heera Biyyattiitti turtiin Pireezidaantii filannoo marsaa lamaaf qofa kan jedhu hojiirran oolcha jedhan.

Deeggartoonnii fi uummanni waajjira muumme paartii biyya bulchaa jiru fuula duraatti hiraa ba’uun akka pireziidant Maakiin yeroo sadaffaaf filannoo irratti hirmaatu gaafachaa jiru. Warra hiriira ba’aniran keessaa gariin isaanii immimmaan isaanii busaanii bo’aa turan, gariin isaaniimmoo callisaanii ta’aa turan.

Jiraataa Magaalaa Daakar kan ta’ee fi deeggaraa Pireezidaantichaa osoo bo’anii yaada kennaniin “ kun murtoo isaaniiti , garuummoo inni hoogganaa keenyadha. Murtoo isaas ni kabajna. Akka Paartiittiis kaadhimamaa inni dhiyyeessu ni deeggarra. Garuummoo osoo inni marsaa sadaffaaf itti fufeera ta’e fedhii keenya jedhe.”

Pireezidaantiin Seneegaal amma aangoorra jiran Maakii Sool fi deeggartoonni isaanii haala kanaan haa ibsaniyyuu malee kanneen shakkiin ilaalanimmoo akka hooggantoota biyyoota ollaa isaanii Ayiivoorikoostii fi Toogoo heeraa biyyattii fooyyessuun yeroo sadaffaaf nan dorgoma ykn yeroo aangoo koo nan dheerafadha akka hin jenne jedhu.

Ji’a darbe keessa hoogganaa paartii mormituu beekamaa Osmaanee Soonkoo humnaan gudeeduudhaan shakkamanii to’’annaa jala akka oolfaman ni beekama. Pireziidaant Maakiin filannoo dhufarratti akkan hin hirmaanneef siyaasaan na yakkan malee ani yakkicha hin raawwanne jechuun waakkatu. Yeroo inni to’annaa jala ooleettis deeggartoonni isaa hiriira mormiif ba’anii tarkaanfii hunmoonni nageenyaa fudhataniin lubbuun namoota 16 darbeera.

Mohaammadal Fool deeggaraa Ossmaanee Soonkoo ta’uu himuun “ nuti pireezidaantii uummata isaa hin ajjeesne, pireezidaantii uummata isaa dhaggeeffatu barbaadna jedhe.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG