Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti Gaafatamaan Dhimma Nageenyaa Magaalaa Shawaa Roobiit Ajjeefaman 


FAAYILII Magaala guddoo naannoo Amaaraa, Baahir Daar
FAAYILII Magaala guddoo naannoo Amaaraa, Baahir Daar

Naannoo Amaaraa, godina Shawaa kaabaa, bulchiinsa magaala Shawaa Roobiit keessatti itti gaafatamaan dhimmaa nageenyaa namoottan hin beekamneen ajjaafamuun isaanii beekameera. Obbo Abduu Huseen ajjeefamuun isaanii kan ibsame kaleessaa waxabajji 27 bara 2015 ta’uu isaa fi ajjeechaan sun kan raawwatee yemuu hojii mootummaa irratii hirmaachaa jiran ta’uu isaa bulchiinsii magaalichaa fuula midiyaa hawaasaa irrati ibsa gabaabaa maxxanseen mirkaneesseera.

Nammi maqaan isaanii akka ifa ta’u hin barbaanne tokko akka sagalee Amerikaatti himanitti torban darbee jalqabee sagaleen dhukaasaa jiraattotaa jeequu dhiheenyatti akka dhagahamaa turee ibsanii, magaalli Shawaa Roobiitii Sodaa keessaa akka jirtu himaniiru.

Sababa soda Kanaan kan ka’ee tajaajilli geejibaa magaalichaa keessa jiru dhaabachuu isaa, mannoottan hojii kan mootummaa fi kan dhuunfaa cufamuu isaanii kan ibsan jiraatan magaalichaa maqaa isaanii dhoksan, tajaajillii geejibaa Finfinnee irraa karaa sanaan darbuu fi garaa Finfineetti taasifamu akka addaan hin cinne ibsaniiru. Naannoo bulchiinsa Amaarratti itti gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa kan ta’an obbo Girmaa Yeshixilaa ajeefamuu isaaniitiin dura ji’a hagayyaa bara 2014 itti anaa kantiibaa magaalaa Shawaa Roobiiti kan turan Obbo Wubsheet Ayyaalewu namoottan eenyumaan isaanii hin beekamneen ajeefafuun isaanii ni yaadatama.

Ajjeechaa kanaaf amma ammaatti qaamnii itti gaafatamummaa fudhatee hin beekamne. Ajeechaa Kanaan walqabatee bulchiinsa magaalichaa irraa ibsaa argachuun akka hin danda’amne kan ibsee gabaasni Masfin Arraagee VOA dhaaf erge kun, Komishiini mirgaa namoomaa Itiyoophiyaatti itti gaafatama hordofii fi qorannoo mirga namoomaa kutaawwani kan ta’an Doktoor Alamuu Mihiretuu, naannoo sana keessatti haalii haanga’otaa fi jiraattotaa galaafachaa jiru akka isaan yaaddesse ibsuu isaanii ereera.

Voa/bd/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG