Qoqqobbi raabsa gargaarsa nyaataa naannoo Tigiaay irratti ka’ameen kan ka’ee namoottan hedduun dhibee hanqinaa nyaata madalawaa dhabuudhaan umamuuf saaxilamuun isaanii ibsameera.
Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti jarmiyaan qindeessa gargaarsa namoomaa ykn OCHAn, nannoo Kaaba Itiyoopiyaatti namoottan Miliyoonii saddeeti fi qabxii saddeet ta’an gargaarsaa midhaan nyaataa akka barbadanu, akkasumas warren sababa hongee kibbaa fi kibba baha biyyaattiti umameen gargaarsaaf saaxilaman irraatti dabalata ta’uu isaa wixata dheengaddaa ibsuu isaa kan gabaasee madda oduu, Ajaans Fraans Prees /AFP dha.
Yeroo ammaa Tigraay keessatti, namoottan dhibeewwaan hanqinaa midhaan nyaataa madalawaadhan walqabaten dhukubsatanii mana yaalaa seenaa jiran, yemmuu ji’a Ebilaa wagga darbeen wal bira qabamee ilaalamu dhibeentaa 196n dabaluu isaa gabaasinii kun ibseera.
Akka gabaasinni OCHA kun dabalee ibsetti, guutumaa biyyatti keessaatti lakkoofsii namoottan dhibee hanqinaa nyaata madalawaa ta’e irraa dhufuun dhukubsatan yemmuu ji’oottan Amajii fi Ebilaa gidduu jiran kan bara 2022 wajjin wal bira qabamee ilaalamuu harka 15 dabalee jira.
Sagaantaan Nyaata Adduunyaa/ WFP fi Daabanii misoomaa Adduunyaa kan yunaayitid Isteets/ USAIDn sababa itti fayyadama sirrii hintaane nyaata gargaarsaa irratti raawatameeraa jedhameen kan ka’ee Tigraay keessatti gargaarsaa raabsuu akka dhaaban ji’a darbe ergaa beeksisanii booda namoottan gargaarisii namoomaa isaan barbaachisu hedduun rakkinaaf saaxilamuu isaan ibsii OCHA kun beeksiseera.
Afp/bd/dw
Forum