Paartii waggoottan dheeraadhaaf mootummaa Afrikaa kibbaa kan hogganaa ture ANC filannoo irratti mormuudhaaf paartileen mormitootaa Jaha tumsaa ijaarrachuudhaaf marii jalqabuun isaanii ibsameeraa.
Waggootan Soddomman darbaniif aangoo mootummaa biyyatti ol antumaadhaan kan qabatee jiru Kongreesii Biyyaalessaa Afrikaa ykn ANC filannoo bara 2024 irratti teesoo ol anaa dhabsiisuudhaaf Hagyyaa 16 fi 17 bara 2023 walgahii tumsa mormitootaa ifatti umu taasisudhaaf akka karoorfate hogganaan paaritii mormituu Demokraatiik Aliyaans jedhamee beekamuu Joon Steenhu’isen ibsa tamsaasa televijiinii irratti kennan beeksisanii jiru.
Paartiin bara 1994 jalqbee biyyatti bulachaa jiru ANCn waa’ee malaan maltummaa fi , wa’ee rakkina ummnaa ibsaa ykn Aniisaa irratti umameen wagga lamaan dura filannoo naannoo tasifameen fudhatamnii isaa gara dhibeentaa 50 ti gadii bu’uun isaa gabaasameera.
Akkana ta’us garuu, filannoo naannoo bara 2021 taasifameen mormiitoonni dhibeentaa 35 qofaa akka moo’uu danda’an hogganaan paartii Demokiraatiik Aliyaans ibsaniiru. Tumsaa mormitoonni umudhaf deeman kana keesa paartiin beekamaan ,Ilaalacha gara bitaatti harkifatu qabuufi Paartii Falmitootaa Walabummaa Dinagdee jedhamee beekamuu akka hin hirmaanee beekameeraa.
Filannoo biyyaalessaa bara 2019 Afrikaa kibbaa keessatti taasifameen, teessoo mana maree 400 keessaa 230 kan moo’e ANC yemmuu ta’u , Paartiin Demokiraatic Aliyaans 84, Paartiin Walabumaa dinagdeetiif falmu immoo teessoo 44 moo’uun isaanii ni yaadatama.
Ap/bd/dw
Forum