Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripaablikiin Dimookiraatawa Koongoo fi Afrikaa Kibbaa Dhimma Nageenyaarratti Waliigaltee Tolfachuuf Deeman


FILE - Democratic Republic of Congo, Felix Tshisekedi speaks during a joint press conference with Kenyan President William Ruto (not seen), at the Palace of the Nation in Kinshasa on Nov. 21, 2022.
FILE - Democratic Republic of Congo, Felix Tshisekedi speaks during a joint press conference with Kenyan President William Ruto (not seen), at the Palace of the Nation in Kinshasa on Nov. 21, 2022.

Kan hokkaraan raafamaa jjritu Koongoo Bahaa keessatti Milishoonni lafa dhuunfachuu waan itti fuufaniif jecha, Afrikaa Kibbaa waliin waliigaltee nageenyaa mallatteessuuf karoorfachuu isaanii Pirezidaantiin Koongoo Feeliks Tishiisekediin Kamisa kaleessaa ibsaniiru.

Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin, magaalaa Kinshaasaa keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, waliigalteen kun bifa waliigaltee wal-irraa ittisuu qabaachuu akka danda’u Tishiiskeediin ibsaniiru.

Pirezidaantiin Koongoo akka jedhanti, waliigaltee wal-irraa ittisaa Hawaasni Misooma Afrikaa gama Kibbaa akka moodeelaa ykn fakkeenyaatti kan fakkaachuu danda’uu ta’u ibsaniiru, Garu bal’inaan hin ibsiine.''Guyyoota ykn torbanoota dhufan keessatti caalaatti ni beekna,'' jedhan Tshisekedi.

Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo fi Afrikaan Kibbaa lameenuu miseensota biyyoota 16 Hawaasni Misooma Afrikaa gama Kibbaa kan ti.

Raamaafoosaan gama isaaniitiin, Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo, nageenya dhabuu fi hiyyummaa ittisuu akka dandeessuuf, gargaaruu akka itti fufan waadaa galaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG