Gargaarsi nyaataa Ityoophiyaaf kennamu hatattamaan akka eegalamu Doktooronni Daangaa hin uggurree (MSF) Jimaata darbe kan gaafatee yoo tau, murteen gargaarsi addaan kutuu kan dhufee hanqina nyaataa "haala sodaachisaa fi ol'aanaa" ta'e gidduutti ta'uu akeekkachiisee jira.
"Hojii gargaarsa raabsuu dhaabuun kun, duraanuu yeroo dheeraaf raabsa gargaarsa nyaataa addaan ciccitaa fi sirnaan ala ta'e booda, akkasumas yeroo haalli gargaarsa namoomaa guutuu biyyattii reefuu hamaa ta'etti waan ta’eef waan ta'eef guddina sodaachisaa dha," jedhan Itiyoophiyaatti daayreekteerri MSF Keeraa Brooksibsanii ibsa baasanii hubachisanii jiru.
"Namoonni caama hamaa waggoota kurnan afur keessatti mudateef saaxilamanii rakkoo dinagdee fi hokkara irra deddeebi'amee mul'atu waliin wal'aansoo qabaa jiru jedhan."
MSF akka jedhutti, Itiyoophiyaa keessatti namoonni miiliyoona 20 ol gargaarsa nyaataa irratti hirkatanii akka jiran ibsuun, ummattoota saaxilamoo ta'an tokko tokko biratti hanqinni nyaataa, raabsii gargaarsaa osoo addaan cituun hojiirra hin oolin durallee ''haala sodaachisaa guddaa keessa akka turan akeekkachiiseera.
Forum