Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Ortoodooksii Itiyoophiyaa Uummata Tigraay Dhiifama Gaafatte


Faayilii - waldaa Orotodoksii Itiyoophiyaa
Faayilii - waldaa Orotodoksii Itiyoophiyaa

Waldaan ortoodooksii Itiyoophiyaa, tajaajiila wangeelaa fi seenaa waggaa dheeraa qabdu kun, nagaa biyyaa fi tokkummaa uummataa gama eegsisuun qooda dhaabbataa qabduun, ka’uumsa isaa bulchiinsa naannoo Tigraay irraa kan goodhatee wal waraansii Itiyoophiyaa kaabaa akka dhaabatuuf yeroo sana ibsa ituu hin baasiin hafuu isheen, deemsa wal waraansaa fi xumuura isaa irratti iddo sanatti argamuun waan hin jajjabeessinee, akkasumas gargaarsa dhala namaa murteeffame yeroon dhaqqabsisuu dadhabuu isheen, komee fi walii galtee Dhaba uumameef qulqulluu sinoodoosiin ifatti dhiifama gaafata jedha ibsii ba’e.

Dhimma kana irratti yaada isaanii kan gaafataman godiina Kaaba dhiyaatti sabakaa siree Indaasilaaseef phaaphaasii kan ta’an Abuna Peexroos akka jedhanti, dhiifamnii kun erga yeroon dabree fakkeessaaf kan gaafatamee waan ta’eef, fudhatama hin qabnu, waan jalqabnee itti fuufna jedhan.

Sinoodoosiin bataskaan Ortoodooksii Itiyoophiyaa, gumii waxabajjii 27 irraa kaasee guyyoota lamaaf gaggeeffateen, ephiis qophoosaatii dhiyaatanii fi sabakaa bulchiinsa naannoo Tigraay waliin walii galuu dadhabuu fi adda addummaa bulchiinsaa ilaalchisee mari’ataa akk ture ibsamee jira.

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi kibbaatti ramadamanii kan tajaajiilan ephiis qophoosaatii 9 filatamuunis ibsamee jira.Isaanis ulaagaa adda addaan kanneen dhiyaatan 18 keessaa filamuu ibsameera.

Gama kaaniin wal waraansa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti gaggeeffameen kan miidhamee caasaa amantii Ortoodoksii kan sabakaa Walloo Kaabaa deebisanii dhaabuuf, Qarshii miliyoona 100 fi Miliyoona 50 caalaa akka barbaachiisu ibsamee jira.

Miidhaa wal waarnsii kun hordoofsiseen barattonni amantii kuma 18 caalaan addaan faca’uun isaanii ibsameera.Waldootii kristaanaa miidhaman caasaan isaanii akka itti fufuu gochuuf amantoota waldoota kristaanaa biros dabalatee deggersa gochaa akka jiran, Phaaphaasiin sabakaa goodiin Walloo kaabaa Abuuna Ermiyaas dubbatanii jiru.

Sababaa wal waraansa kanaan Bataskaanni 182 kaan guutuummaatti kan hafee immo hanga tokko barbadaa’uun ibsamee jira.

Maallaqa kanaaf ooluu walitti qabuuf sagantaa gaggeeffame irratti Ustaaz Abubakar Ahmed argamuun deggeersa maallaqaa kan kennan yoo ta’u, kan walii keenyaa ta’uu keenya kanneen ibsan manneen amantii walii wajjiin hojjachuu qabna jedhan.kanaafis uummanni musleemaa qohii dha jedhan.

Sagantaa kana irratti kan argaman Lubnii amantii prooteestaantii Dr Yonaas Zawduu isa diigamee qofa otoo hin taanee, yaada diiggaa sana wal’anuun akka barbaachiisu ibsanii jiran.

Sabakaan Walloo kaabaa qorannaa gaggeessee jedheen, wal waraansa marsaa lamaan gaggeeffameen namoonni 4552 du’uu, sababaa wal waraansaan fi nyaataa fi wal’ansii fayyaa fi Dawaan dhabamuun walii galaan, namoonni 14,936 dhumuu gabaasii ba’e ni mullisa jechuun Mesfin Arage gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG