Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakkawwan Naannoolee Amaaraa fi Tigiraay Gidduutti Mormii Kaasan Riferendemiin Murteessuuf Hojjetamaa Jira: Mootummaan Naannoo Amaaraa


Faayilii - Naannoo Amaaraa
Faayilii - Naannoo Amaaraa

Kanas kan beeksiisan itti gaaftamaa waajiira komuunikeeshinii bulchiinsichaa Obbo Gizaachoo Muluneeh turan.Garu iddoo isaan kam akka ta’an ifa hin taasiifne.

Ibsa bulchiinsii naannoo Amaaraa baasee kana irratti yaada akka kennaiif kan gaafataman dubbii himaan bulchiinsii yeroo kan bulchiinsa naannoo Tigraay Obbo Redaa’ii Haalefoom gama aisaaniin, ibsii ba’e ifa akka hin taane ibsuun kallattiin yaada isaanii kennuu irraa of qusatanii jiru. Dhimmi kun guyyaa lama keessatti aangawoota lamaan dubbatamuus yaadachiisan.

Kamiisa kaleessaa paarlaamaaf ibsa kan kennan mummichi ministeeraa Abiyyi Ahamd bulchiinsii Amaaraa fi Tigraay, iddoon kun anaaf ta’u qaba jechuun falmiin qaban, karaa tasgaba’aa ta’een murtii uummataan akka furaniif waamicha dhiyeessanii turan.

Walii galteen Itiyoophiyaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay tolfataniis naannoon falmii qaban heera mootummaan furuuf walii galuu isaanii bira dabree haala bal’inaan kaa’ee hin qabu jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti..

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG