Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Hiriirawwan Adda Addaa Taasisamanii Jiran


FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay
FAAYILII - Magaala Maqalee, naannoo Tigraay

Naanno bulchiinsaa Tigraay magaala Maqaletiif magaalota biroo keessatti hiriirawwan mormii taasifamuun isaanii beekameera.

Hirirawwan taasifaman kana keessaa inni tokko qooqqobii gargaarsa midhaan nyaataa irratti taasifamee mormuudhaan haadholiin kumaataman lakkawaman magaalotaa Maqalee,Adigiraat fi Aduuwaa keessaa jiran kan irraatti hirmaatan yemuu ta’u, sababa qoqqpbii nyaataa Kanaan haadholinii fi ijoollwwan hedduun miidhamaa jiraachuu isaanii ibsanii jiru.

Akkasumas, Lammiileen naanichaa sababa walwaraansaatiin qe’ee isaanii irraa buqa’anii jiranus akka atattamaan gara mana isaaniitti deebifaman hiriirtionni kun gaafachuu isaanii gabaasni Mulugeetaa Atsibahaa ibseera.

Karaa biraatiin, miseensonni poolisota nannoo Tigraay duraanii dhibbaan lakkawaman, guyyaa har’aa fuullee muumee waajira poolisii naanichaa irratti argamuudhaan mormii dhageesisuun isaanii fi sababa hojii irraa haryataman, akkasunas sababa mindaan isaanii dhowwatamee ilaalchisee gaaffii dhiheesuun isaanii beekameera.

Akka bakka bu’onni poolisootaa duraanii kun ibsanitti, miseensonni poolisootaa kuma tokkoo ol ta’an waan ABUT cina dhaabbatani lola irratti hin hirmaaneef , akkasumas yemmuu mootummaan feederaalaa Tigraayiin bulchaa ture muutummaa wajjin hojjataniitu jedhamanii akka mindaa dhowwataman ibsaniiru.

Hirira mormii kana kan hordofee gabaasaan VOA Alem Fiseha dhimma kana irratti hoggantootaa Poolisii bulchiinsaa naanichaa irraa akka deebi hin arganne gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG