Sambata dheengaddaa magalla biyya jarman Gi’eesen keessatti waltibu’insa dhalattoota Eritiraa gudduutti umamee, poolisonni biyyaatii gaazii nama imimaanesuu fi bishaan fayyadamuudhaan qabbaneesuu danda’aniiru.
Akka maddi oduu Ajaans Fraans Prees/AFP gabaasetti jeequmsi sun kan ummamee mormii feestiivaalii muziqaa dhalattootaa Eritiraatiin qophaa’e irratti ka’een yemuu ta’u, mormii kana irratii dhakaawwan darbatamaa turaniin Poolisoonni 26 akka madaa’an ibsameera. Sababumaa Kanaan walqabatee namoottan 100 ta’anu too’annoo jala oluu isaanii waajjirri poolisii naannichaa fuulaa Tiwutarii isaa irratti ibsee jira.
Feestivaali Muuziqaa amma Dilbataatti ittifufuuf karoorfame irratti namoottan kuma lamaa amma kuma sadii ta’an ni hirmaatu jedhamee kan tilmaammamee ta’us mormii dhalattoota Ertiraa warren Mootummaa biyyaa Isaanii yeroo amma bulchaa jiru mormanii fi deggeran gidduutti umameen addaan cituu danda’era.
wareen saganticha qopheessaan deggertootaa mootummaa Eritiraa akka ta’an ibsuudhaa warren balaaleffatan akka jeequmsicha uman ibsameera.Ministeerri dhimmaa biyyaa keessaa kan kutaa Heeseen Piiter Be’uuz tarkaanfiin akkanaa umnootaa nageenya biyyaatti irratti fudhatamu akka obsamuu hin dandeenyee ibsuudhaan mootummaan feederaalaa akka ambaasadara Eritiraa waamee gaafachuu qabu dubbataniiru.
Abbaan taayitaa kun itti dabaluudhaanis jeequmsii waldhabdee dhalatoota Ertiraa gidduu jiru biyyaa Jarman keessatti akka bakkaa hin qabne hubachiisuun isaanii gabaasameera. Mootummaan Eritiraa Isaayyaas Afeworqiitin hogganamuu qoqqobii biyyoottan lixaa jalaa jiraachuun isaa ni beekama.
Forum