Naannoo Amhaaraa Godina Gondor lixaatti namoonni hidhatan eenyuummaan isaanii hin beekamne imaltoota irratti dhukaasa banaiin nama tokko ajjeesani kaan butanii deemuu jiraattoonni himan .
Naannoo Amhaaraa Godina Gondor Lixaa, Matammaatti humnoonni hidhatan dhukaasa imaltoota irratti dhukaasaniin nama tokko ajjeesanii kanneen Sagal ta’animmoo butanii deemaniiru. Sanbata Xiqqaa darbe taatee kana kan raawwatan yommuu ta’u warra butanii fudhatan gadhiisuuf birrii Miiliyoona tokko gaafataniiru jedhu jiraattoonni. Jiraattoonni naannichaa gochaa raawwatame kanaaf loltoota Qimaantii fi koree eenyumaa Qimaanti deebisuu jedhamuun gurmaa’an komatu.
Bulchaan Godina Gondor Lixaa Biikis Warqee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti gochaa kana dudduuba humnoonni hidhannoo seeraan alaa hidhatan kanneen mootummaan ala jiranidha jedhanii humnoonni nageenyaa tarkaanfii fudhachaa akka jiranis himaniiru .
Forum