Mootumaan Sudaan marii nagaa fi wraana dhaabuu karaa IGAD Itiyoophiyaatti taa’ame irratti akka hin hirmaanne beeksiise. Akka sababaattis Keeniyaan garee waraanaa warra humna Addaa Sudaaniif qooddi jechuunidha.
Mootummaan Sudaan marii waraanaa dhaabuu fi nageenyaa akka naannootti Itiyoophiyaatti karaa IGAD taa’ame irratti hin hirmaadhu jedhe. Akka Sababaattis mootummaan Keeniyaa garee waraanaa Sudaan warra humna Addaa jedhamaniif looga jechuunidha.
Yaa’ii Finfinneetti dursummaa biyyoota Keeniyaa, Itiyoophiyaa, Jibuutii, fi Sudaan Kibbaan taa’ame kanarratti gareen humna waraanaa Mohaammad Hamdaan Dagalooniin hoogganamu bakka bu’aa kan erge yommuu ta’u , kan humna waraanaa Sudaan Abdel Fattaah Al- burhaaniin hoogganamu garuu bakka bu’as ta’e ofii irratti hin argamne. Kunis Mootummaan Keeniyaa warra humnoota waraanaa sudaan humna addaa RSF jedhamaniif looga jechuunidha. Agarsiiftuun kanaas mootummaan Keeniyaa humnoota kaanaaf bakka da’annoo kenneera jechuun himannaa dhiyyeessaa mootummaan Sudaan.
Yaa’ii dhimma waraana Sudaan keessaa ilaachisuun hooggantoonni biyyoota miseensota IGAD ibsa baasaniin humnoonni Sudaan keessatti wal waraanaa jiran haal duree tokko malee waraana akka dhaaban gaafatanii humni eeggataa Afrikaa bahaa gara Sudaanitti ergamee namoota nagaaf eegumsi akka taasifamuuf Gamtaa Afrikaa gaafateera
Wal waraansi humnoota Waraanaa Sudaan gidduutti ji’a Eeblaa keessa jalqabe lubbuu namoota 3000 galafateera. Namoonni miiliyoona Sadii qe’ee isaaniirraa akka godanaaniifimmoo sababa ta’eera.
Forum