Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni, "Godina Matakkal Keessaa Uummanni Dheessaa Jira," Jedhanis Bulchaan Godinichaa Garuu Sochiin Idilee Itti Fufuu Dubbatan


Naannoo Benishangul Gumuz (Suuraa faayilii)
Naannoo Benishangul Gumuz (Suuraa faayilii)

Bulchiinsa Naannoo Benishaangul Gumz Godiina Metekel Magaalaa Gilgel Beles keessaatti namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne namoota nagaa irratti dhukaasa banuun yoo xiqqaate namoota 10 eega ajjeesanii booda, haleellaan dabalataa akka mudatu sodaachuun jiraattonni dhibbootaan lakkaa’aman naannoo sanaa baqachaa akka jiran namoonni ijaan argan Raadiyoo Sagalee Amerikaatti himanii jiru. Bulchaan Olaanaa godinaa Obbo Lammessaa Waqwayya garuu naannoon kun gara sochii idileetti deebi'uu ibsaniiru.Haleellaa kanaafis gareelee finxaaleeyyii ittiin jedhan komatan .

Gama biraatiin mootummaan federaalaa aangoo hatattamaa heera mootummaatiin kenname akka fayyadamu fi haleellaa naannoo sanatti itti fufee jiru akka xumura itti godhu Komishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa gaafateera, jechuun Asteer Misgaanaaw Baahi Daar irraa gabaastee jirti.

am/jg/tg/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG