Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pireziidaantiin Masirii Abdel Fattaah Al- Siisii, Muummee Ministiraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad Waliin Kaayirootti  Marii’atan


Faayilii- Muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad fi Prezidaantii Masrii Abdel Fattaa Al-Siisii
Faayilii- Muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad fi Prezidaantii Masrii Abdel Fattaa Al-Siisii

Pireezidaantiin Masirii Abdel Fattaa Al- Siisii Kaayiroo Masaraa Mootummaatti Muummee Ministiraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad waliin dhimmoota rakkoo Sudaan keessaa, hariiroo biyyoota lamanii fi dhimma hidha laga Abbayyaa irratti Itiyoophiyaan ijaaraa jirturrattis marii gaggeessaniiru.

Masiriin wal Waraansa Sudaan keessatti torbanoota 12 lakkoofsiisee gargaarsa namoomaa dhaqqabsiisuufillee hedduu rakkisaa ta’etti furmaanni akka argamuuf biyyoota oollaa waamtee Kamisa kana yaa’ii jalqabsiifteetti.

Masirii fi Itiyoophiyaan biyyoota ollaa Sudaan gurguddoo ta’an lamaan ijaarsa hidha laga Abayyaa irratti Itiyoophiyaan daangaa Sudaan irraa fageenya dhiyoorratti jalqabuun wal qabatee wal himaachaa warra jiranii dha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG