Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni Hollaa Sudaan Ja’a Rakkoo Sudaan Furuu Irratti Marii Geggeessuuf Kaayirootti Wal Ga’an


Faayilii -Hoogganoota biyyoota Afriikaa gumii Dhimma Sudaan Irratti Argaman
Faayilii -Hoogganoota biyyoota Afriikaa gumii Dhimma Sudaan Irratti Argaman

Wal waraansa Sudaan keessatti Ji’a Eebilaa irraa jalqabee hanga ammaatti jirutti furmaata arguuf hoggantoonni Sudaanirraa fi biyyoota Ollaa Ja’aa irraa Masiriitti kamisa har’aa yaa’ii jalqabaniiru.

Yaa’iin Pireezidaantii Masirii Abdel Fattaah Al-siisiin hoogganamu kana irratti hooggantoonni biyyoota Itiyoophiyaa, Sudaan Kibbaa, Chaad, Eriitiriyaa Waaltaa Rippaabulika Afiriikaa fi Liibiyaa irratti argamaniiru.

Wal waraansichi karaa nagaa akka furamuuf kanaan dura wal ta’insa Saa’ud Arabiyaa fi Yuunaayitid Isteetsiin Magaalaa Jiddaah keessatti taa’amee kan ture qaamoonni lamaan yeroof waraana dhaabuuf walii galaniyyuu waraanni osoo hin dhaabbatiin hafee hanga ammaayyuu itti fufeera. Akkasumas dhiyeenya karaa biyyoota miseensota IGAD dura taa’ummaa Pireezidaantii Keeniyaan Finfinneetti yaa’ii taa’ame gareen humna waraanaa Sudaan kan Abdel Fattaah Al-burahaaniin hoogganamu Wiiliyaam Ruuttoo pireezidaantiin Keeniyaa garee humna waraanaa RSF-f looga jechuun kufaa taasisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG