Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Gameeyyiin Yunaayitid Isteetisii fi Chaayinaa Yaa’ii Indooneezhiyaatti Geggeessamu Irratti Mariif Wal Arguuf Jiru


Ministirii haajaa alaa Yunaayitid Isteetisii fi kan Chaayinaa Waang Yii
Ministirii haajaa alaa Yunaayitid Isteetisii fi kan Chaayinaa Waang Yii

Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Anteenii Biliinken Kamisa har’aa Yaa’ii biyyoota waldaa Eeshiyaa Kibba -bahaa Indooneezhiyaatti gaggeefamu irratti kan hirmaatan Ministira Haajaa alaa Chaayinaa Waang Yii waliinis ni marii’atu jedhamee eeggama. Yaa’iin biyyoota waldaa Eeshiyaa Kibba Bahaa Indooneezhiyaatti gaggeeffamu kun Kamisaa fi Jimaata kan itti fufu ta’ee dhimmoota rakkoo Maaynaamar keessaa akkasumas dhimmoota waldhabdee galaana Chaayinaa kibbaarratti bal’inaan ni marii’ata jedhamee eeggama.

Anteenii fi Waangi ji’a darbe Beejiingitti kan waliin dubbatan hariiroo biyyoota lamaanii ilaalchisuun marii isaanii alanaattis ni marii’atu.

Ministirri Maallaaqaa Yuunaayitid Isteetsi Jaaneet Yelen Torban darbe daawwannaaf gara Beejingitti imalanii ture. Torban dhufummoo Adoolessa 16 hanga 19 tti Joon Keerii ergamaan addaa Yuunaayitid Isteetsi dhimmoota jijjiirama qilleensaarratti marii’achuuf gara Beejingitti imaluuf jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG