Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa HIdahttootaa Duraanii Meeshaa Hikkachisuu fi Deebisanii Dhaabuun Xiyyeeffannoo Akka Argatu Gaafate


Ethiopia Human Right Commission
Ethiopia Human Right Commission

Mootummaan Ityoophiyaa dhimmaa hidahttootaa duraanii meeshaa hikkachisuu fi deebisanii dhaabuu irratti xiyyeeffanna akka kennu Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa hubachiisee jira.

Jimaataa darbee Adoolessa 7 bara 2023 naannoo bulchiinsa Beenishaangul Gumuz bakka Gilgel Beles jedhamutti haleellaa Siviilotaa irratti raawwatameen walqabatee jiraattota fi haanga’otaa naanichaa wajjin dubbachuu isaa kan ibsee komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa, haleellaa lubbuu namoottan Saddeeti galafatee, namoottan 16 madeesse sana kan raawwatan miseensota garee hidhattootaa Sochii Demokiraatawaa ummataa Gumuzi duraanii akka ta’an ibsee jira.

Gareen kun waligaltee bara darbe ji’a Onkoloolesaa keessa mootummaa wajjin taasifameen hidhannoo isaa hiikkatee gara jireenya nageenyaatti kan deebi’e akka ta’e ni beekama.

Daarekteerri Komishiini mirga namoomaa Ityoophiyaa Daani’el Beqqelee, adeemsii hidhannoo hiikachiisuu fi deebisanii daabuu qama hojii nageenyaa fi tasgabii buusuu ta’uu isaa ibsanii , adeemsichii akka hirmaannaa ummataatiin deggeramu gaafataniiru.

Ityoophiyaan naannowwan Tigraay, Amaara, Affaar, Oromiyaa fi Gambeelaa keessatti sagaantaa hidhatoota duraanii kuma 200 amma kuma 300 ta’an hidhannoo hikkachisuuf deebisanii ummatatti makuu hojjachaa akka jirtu kan ibsee gabaasni Asteer Misgaanawu, harkii caalaan hidhatoota duraanii deebisani dhaabuu Tigraay irratti xiyyeefatee akka jiru ereera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG