Prezidaantin Eritiraa Isaayiyaas Afewerqii dhiheenyaatti Akka Ityoophiyaa Daawwatan , gorsaan dhimmaa nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa Ambaasader Reediwaan Huseen ibsani jiru.
Kayiroo keessatti mumicha ministeeraa Ityoophiyaa Abiy Ahimedi fi Prezidaanti Eritiraa Isaayyaas Afeworqii gidduutti marii Roobii dheengaddaa Adoolessaa 12 bara 2023 taasifamee hordofuudhaan hoggantoonni lamman marii isaanii Finfinnee keessatti itti fufuudhaaf akka walii galan ambaasader Reeduwaan ibsuun isaanii beekameera.
Hoggantoonni lamman yemuu dhiheenya kan wal arguuf deeman, Dhimma Sudaani alatti wa’ee waltidhufeenya biyyootan lamman gidduu jiru irratti akka marii taasisan Ambaasadeer Rediiwaan dabalanii ibsaniiru.
Guyyaan Prezidaantin Eritiraa Ityoophiyaa daawwatan iffaatti kan hin ibsamnee yemuu ta’u daawannaan isaanii kun, ergaa walwaraansii mootummaa feederaalaa Ityophiyaa fi Adda bilisumma Umata Tigraay/ABUT gidduutti jalqabamee Sadaasaa bara 2020 boodaa isa jalqabaa akka ta’e ibsameeraa.
Bulchiisii Mootummaa Yunaayitid Isteets,Bitootesaa darbee keessa ibsaa baaseen, miseensonni umnaa Itisaa mootummaa Ityoophiyaa, umni itisaa Eritiraa, ABUT fi umnoottan naannoo Amaaraa, walwaraansa Kaaba Ityoophiyaa keessatti sivilota irratti yakkaa waraanaa raawwachuu isaanii akka ibsee gabaasini Keenedii Abaatee kun yaadachiiseera.
Forum