Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Yakkaa Adduunyaa Ajjeechaa Jumlaa Daarfuur Keessatti Raawwatame Qorachaa Jira 


FILE - Mana murtii yakka qoratu kan addunyaa ICC Nov. 7, 2019.
FILE - Mana murtii yakka qoratu kan addunyaa ICC Nov. 7, 2019.

Abbaan alangaa muummee mana murti yakka adduunyaa/ ICC waajjirri isaanii gabaasaa waa’ee awwaala jumlaa namoottan 78 ti Daarfuur lixaa keessatti argamee qorataa jiraachuu isaa ibsani jiru.

Abbaan alangaa Kariim Khaan mana maree nageenyaa dhaabbata mootumoota gamtoomanitti akka dubbatanittii, manni murtichaa gareewwaan Sudaan erga walwaaraanuu jalqabanii Ebla 15 bara 2023 as yakkaawwan raawwatamanifi raawwatamaa jiran qorachuu jalqabuu isaa beeksisaniiru.

Magaala gudichaa bulchiinsaa Daarfuur lixaa El Jene’inaa keessatti sivilota irratti yakkaawaan rawwatamuu isaatiif ragaaleen hedduun akka jiran kan ibse dhaabanni mootumootaa gamtoomani, awwaala Jumlaa dhiheenya kana argameef gareen waraana dafee qaqqabaa inni Jeneraal Mohamad Hamdaan Dagaalootiin hogganamuufi gareen milishootaa isa cina dhaabatanii lolaa jiran akka itti gafatamumaa qaban ragaaleen mirkaneessan jiraachuu isaanii ibseera.

waajjirii mirga namoomaa kan mootumoota gamtoomani kamisa kaleessaa ibsa kenneen, ajjeechaan sivilota irratti naannoo daangaa Chaaditti raawwatame ji’a waxabajii gaafa guyyaa 13 kaasee amma gaafa guyyaa 21 ti akka ta’e ibseeraa.

Abban langaa mana murtichaa yaada mana maree nageenyaa irratti dhiheesaniin,

“ waan jechaa fi abdiidhaa ol ta’e dhiheesaa jiraachuu keenyaa, waan hojiidhaan hagarsiifamuu harkaa qabaachuu keenyaa agarsiisuu qabna” jechuudhaan kan dubbatan yemmuu ta’u, mannii marchaa bara 2005 dhimmaa duguugaa sanyii fi yakkaawwan dhala namaa irratti raawwataman gara mana murti Ze Heegitti argamuttii dabarsuun isaa ni yaadatama.

Dhimmaa Daarfuur irraatti Prezidaantii mootummaa Sudaan duraani kan bara 2019 aangoo irraa buufaman Omar Al Bashiriin dabalatee namoonii heddun akka himannaan yakkaa irratti dhihaate waan beekamuudha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG