Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Yunaaytid Isteets  Hojiiwwan Indiyaan Cehumsa Annisaa Saffisiisuuf Itti Jirtu Qarqaaraa Jirti


Ministira MaallaqaaYunaaytid Isteets Janeet Yelen fi Ministira Maallaqaa Hindii, Nirmala Sitaraman,Adoolessa 17, 2023.
Ministira MaallaqaaYunaaytid Isteets Janeet Yelen fi Ministira Maallaqaa Hindii, Nirmala Sitaraman,Adoolessa 17, 2023.
Yunaaytid Isteets ce’umsa Indiyaan gara anniisaa haaromfamuutti godhaa jirtu saffisiisuuf qarqaaraa akka jirtu Wiixata harraa beeksisaniiru.
Walgahii biyyota G-20 Iniyaatti gaggeeffamaa jiru cinatti Ministira Maallaqaa Hindii, Nirmala Sitaraman, wajjiin an walgahii ta'an Yelen,
"ce’umsa anniisaa Indiyaa saffisiisuuf baasii kaappitaalaa gadi aanaa fi invastimantii dhuunfaa dabaluu dhiyeessuuf waltajjii invastimantii irratti Hindii wajjin hojjechuuf hawwii guddaadhan eegganna,” jedhan.
Daawwannaan ammaa Yelen Hindiitti godhan kun daawwannaa dhiheenya kana Muummichi Ministeeraa Hindii Waashingitanitti taasisan hordofeeti. Yelen ji’oota sagal keessatti imala gara Indiyaa yeroo godhan kun sadaffaadha, Kunis hariiroo biyyoota lamaanii guddachaa dhufuu agarsiisa.

voa/tg/dw

Forum

XS
SM
MD
LG