Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Waliigaltee Yeroo Waraanaa Kan Oomiisha Yukreen Hojii Irra Hin Olfamu Jette 


FAAYILII - Maasaa qamadii ganda Zgurivikaa, Yukireen, Hagayya 9, 2022.
FAAYILII - Maasaa qamadii ganda Zgurivikaa, Yukireen, Hagayya 9, 2022.

Raashiyaan waliigaltee yeroo waraanaa kanaan dura ture kan midhaan Yukireen irraa gara biyyoota Afrikaa, Giddu galeessaa Bahaa fi Eeshiyaa beelli balaa guddaa geesisee fi gatiin nyaataa olka’uun namoota hedduu hiyyummaatti galcheef akka dabruu ehamuu Wiixata har’a dhaabdee jirti.

Dubbi himaan Kremlin Dimitrii Paaskov, Raashiyaan hanga gaaffiin ishee kan oomisha qonnaa ofii gara gabaa addunyaatti geessuuf qabdu guutamutti karaa galaana Gurraachaa Midhaan dabarsuun akka dhaabdu beeksisan.Kunis Qamadii fi xaa’oos kan dabalatuu ta’u ibsan.

Kutaan waliigaltee Galaana Gurraacha Raashiyaa waliin walqabatu yeroo hojiirra oolu, Raashiyaan battalumatti gara hojiirra oolmaa waliigaltee kanaatti ni deebiti,' jedhan Peeskov.

Raashiyaan daangeffamni doonii fi inshuraansii waan alatti ergaituun nyaataa fi xaa’oo ishee gufachiiseera jechuun komatteetti. Kunis walitti hidhata nyaataa addunyaatiif murteessaadha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG