Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Naannoo Odeessaa Yuukireen Keessaatti Haleellaa Raawwachuu Ishee Raayyaan Ittisaa Biyyyattii Beeksise 


Elikooptarii Raashiyaa naannoo riiqicha Raashiyaa fi Peeniinsulaa Kiriimiyaa wal quunnamsiisu, Kireemiyaa Adoolessa 17, 2023.
Elikooptarii Raashiyaa naannoo riiqicha Raashiyaa fi Peeniinsulaa Kiriimiyaa wal quunnamsiisu, Kireemiyaa Adoolessa 17, 2023.

Kibxata har’aa Raashiyaan qarqara galaana Gurachaa kan Yuukireen Odesa fi maayikoolaav rukkuchuu ishee beeksifte. Raashiyaan halleellaa kana kan raawwatte haloo ba’anaa isa Yuukireen Wiixata kaleessaa Riqicha Raashiyaa fi Peeniinsulaa Kiriimiyaa wal quunnamsiisu rukkutte ta’uus Ministirri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa ifoomseera. Itti dabaluunis halleella har’a Raashiyaan fudhatte bakkoota buufata doonii Odesatti argamu, akkasumas bakkoota buufata boba’aa Yuukireen dabalatee kanneen Shoroorkeesitoota ta’an itti fayyadaman irratti kan qiyyaafate ta’uus himeera.

Halleellaa Yuukreen wiixata kaleessaa fudhatteen namonni Siivilii du’uu fi daandiin cufamuun namoonni imalaaf rakkachuu Raashiyaan beeksfiteetti. Riqichhi Yuukireen kaleessa rukutte kun kan Raashiyaan weera Yuukireeniif meeshaalee waraanaa hedduu ittiin deeddeebisaa turtedha.

Humni Waraanaa Yuukireen gama isaatiin akka beeksisetti halleellaa Diroonii 21 fi Misaa’elii Kaalibir ja’a Odesa irratti humna ofirra ittisuutiin qolachuu beeksiisee, garuu caccabaan meeshaalee kanneennii yeroo lafa dhaqqabanitti miidhaa geessisuu isaas eereera. Dabalaatanis Naannoo Maaykolaayivitti halleellaawwan diroonii 31 hanga 36 ta’an ofirraa qolachuullee Yuukireen himteetti.

Naanoon Odesa amma Raashiyaan haleellaa Irrttai raawwadheera jettu bakka Gaalana Gurraachaa Kan Yuukireen Miidhaan gara gabaa Addunyaaf dhiyyeessuuf dhiyyeennya dhaabbata mootummoota gamtooamnii fi Tarkii waliin walii galtee raawwattedha.

Hoogganaa Ol aanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Atooniyoo Guutereez Wiixata kaleessaa ibsa kennaniin walii galteen Gaalana Gurrachaa kan Yuukireen waliin raawwatame biyyoota Addunyaa warra wabii midhaan nyaataa barbaadanii fi warra addunyaarraa rakkoo hamaa keessa jiraniif sarara jireenyaati jedhanii haleellaan Raashiyaan bakka kanatti fudhame uummata Addunyaa warra midhaan nyaataa barbaadanirratti kan fudhatames jedhan.

Ministirri Haajaa alaa Yuunaayitis Isteetsi Anteenii Bilinkeen Ibsa sabaa himaaleef kennaniin Raashiyaan bakkoota dhiyyeessii midhaan nyaataa haleeluun nyaata dhabsisuun akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jirti, Biyyoonni fi namoonni baay’een gatiin nyaataa itti dabaluun addunyaarratti akka rakkatan taasisaa jirtuuf itti gaafatamuu qabdi jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG