Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaartumitti Haleellaan Xayyaaraa Geggeessamuu fi Daarfuritti Wal-Waraansi Cimaan Deemsisamuun Gabaasame


FAAYILII - Waraana Kaartuum keessaa, Sudaan, Caamsaa 1, 2023.
FAAYILII - Waraana Kaartuum keessaa, Sudaan, Caamsaa 1, 2023.

Wal Waraansa Sudaan keessatti ji’a Sadaffaa isaa lakkoofsisaa jiruun Wiixata darbe haleellaan xiyyaaraa magaalaa Khaartumitti kan raawwate ta’uu fi naannoo Sudaan lixaa Daarfuur keessattimmoo lolli humnoota waraanaa wal wraanaa jiran gidduutti taasifamaa jiraachuu namoonni ijaan argine jedhan himan.

Halleellaa Xiyaaraa humnoonni waraanaa Sudaan baha magaalaa Kaahaartuumii fi Kaaba lixaarratti fudhate buufata humna waraanaa warra humna Addaa RSF jedhamaniirratti kan qiyyaafate yoo ta’u , humnoonni waraanaa RSF jedhaman kunneen garuu meeshaa farra xiyyaaraatiin ofirraa qolachuu jiraatoonni ijaan argine jedhan madda oduu Ajaansi Firaansi Pireesitti himaniiru.

Gama biraatiinimmoo dirooniin humnoota waraanaa warra humna addaa “RSF” jedhamanii Hospitaala guddaa kan humnoonni waraanaa Sudaan itti yaalaman Kaahaartum keessaa haleeluu isaaniins jiraattoonni himaniiru. Haleellaa wal fakkaataan Sanbata xiqqaa darbe bakkichatti raawwachuu humni waraanaa Sudan kan beeksiise yommuu ta’u namoonni Shan du’uu fi kanneen 22 ta’an madaa’uu isaanii humni waraanaa Sudaan ifoomseera.

Wal Waraansi humnoota Waraanaa lamaan gidduutti Eebla 15 jalqabe magaalota gurguddoo biyyattii keessatti ta’uun lammiilee biyyattii rakkoo hamaaf saaxileera. Haalli amma Daarfuur keessatti raawwachaa jirummoo hedduu yaaddessaa ta’uu isaa dhaabbanni mootummoota gamtoomanii akeekkachiiseera. Wal Waraansa Sudaan kanaa keessaan hanga ammaatti nammooni 3000 du’uu fi kanneen miiliyoona Sadii ta’animmoo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG