Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Uggura Sochii gareen hidhattoota Alshabaab torban tokkoof kibba baha magaalaa Baayiidoowaarra kaa’aan balaaleeffatan. Gareen hidhattootaa kun uggura sochii naannoo sanarra kaa’uu isaaniitiin dhiyyeessiin naannoo sanatti taasifamu rakkoo hamaa keessa galuu angawwoonni himaa jiru. Kunis goginsa hamaa nannoo santti mudatee jiruunii fi rakkoo nageenyaan uummanni rakkoo hamaaf saaxilamuuf dirqameera jedhu. Humnoonni hidhattootaa kun erga uggura sochii kanaa kaa’anii daandii cufanii torbaan tokko guuteera.
Al-shabaab Uggura sochii kana kan kaa’e mootummaan haleellaa naannoo sanatti raawwachuuf jira odeeffannoo jedhuun akka ta’ee fi yeroo ammaa kanattis tajaajilli geejibaa gara magaalaa guddoo bulchiinsa kibba lixa Somaaliyaa Baayidowaatti taasifamus ta’e kan achi keessaa ba’u guutummaa guutuutti dhaabbateera.
Hoogganaan waajjira Pireezidaantii Somaaliyaa Huseen Mohaammad Uggurri Sochii amma Humnoota hidhattoota Al-shababiin kaa’aame Al-shaabab Uuumata Somaaliyaa waraanaa jiraachuu isaa kan agarsiisudha jedhan. Daldalaan Magaalaa Baayidawaa tokko Sagalee Ameerikaatti akka himanittimmoo konkolaataawwan fe’isaa magaalaa Moqaadishoo irraas ta’e bakkeewwan biroo irraa meeshaawwan shaqaxaa galchaa waan hin jirreef daldaltoonni baay’een Suuqii isaanii cufuuf jiru jedhan.
Akka gabaasa dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti sababa goginsaa fi rakkoo nageenyaa naannoo Baayidawaa jiruun magaalittii keessa buqqaatoota 600,000 tu qe’ee isaaniirra buqqa’ee jira.
Forum