Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Shororkeessummaatti Shakkamanii Qabaman Hayyoota Barnootaa fi Abboota Miidiyaa Dabalee Namoonni 15 Mirga Wabiin Bahuu Dhorkaman 


FAAYILII - Mana Murtii Olaanaa, Finfinnee, Itoophiyaa, Sadaasa 1, 2011.
FAAYILII - Mana Murtii Olaanaa, Finfinnee, Itoophiyaa, Sadaasa 1, 2011.

Barsiisonni, abbootiin qabeenyaa miidiyaa, fi roogeeyyiin, jalqaba baatii darbee shororkeessummaan himataman, manni murtii to’annoo poolisii jala turuu akka qaban erga murteessee booda, Roobii har’a Finfinnee keessatti wabii dhorkamanii jiru.

Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa Damee Lidetaa tti Manni Murtii Heera Mootummaa fi Farra Shororkeessummaa Tokkoffaa akka jedhetti, seera deemsa falmii yakkaa keewwatni 63 -1 himannaan hidhaa waggaa 15 fi isaa ol kan kennisisuu yoo ta’e mirga wabii daangeessa.

Jalqaba baatii darbee ture abbootiin alangaa shakkamtoota 51 irratti himannaa shororkeessummaa kan banan. Irra caalaan isaanii bakka hin jirretti himataman.

Dameen Tikaa kan Itiyoophiyaa fi Poolisii Federaalaa ibsa baatii Ebla darbe baasaniin, “shakkamtoonni kun bulchiinsa naannoo Amaaraatti qondaaltota mootummaa olaanoo irratti haleellaa raawwachuu, naannoo Amaaraa to’achuu, akkasumas mootummaa federaalaa kuffisuuf hojjechaa turan” jechuu isaa Keeneedii Abaate Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG