Hoggantoonni waldaa kristaana Ortodoksii Tigraay, sochii "seeraan ala" ephiisqoophoosaatoota muuduuf godhan akka dhaabanii fi mariif balbala isaanii akka banan Yaa'iin hoggansa Waajjira Muummee Paatriyaarkii kan waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahdoo Itiyoophiyaa, waamicha dhiyeessee jira.
Walgahichi ibsa Kibxata kaleessaa baaseen, mootummaan naannoo Tigraayii fi bulchiinsi yeroo jiru waldaa Ortodoksii Itiyoophiyaa fi abbootii amantaa Tigraay gidduutti marii akka mijeessanis waamicha dhiyeessee jira.
Phaaphaasii naannoo Tigray Abuna Kesate Birhan Selama karoora episqoophosaatii haaraa muuduuf qaban itti fufuun namoota 10 Aksuum keessatti Dilbata dabree jechuun Adooleessa 15 bara 2023 kaadhimaniiru.
Ibsii ammaa kun kan bahees waan Dilbata dabree gaggeeffame kanaaf deebii kennamee ta’uun insameera.
Gama kaaniin dhimmi kana irratti Godiina Tigraay Kaaba dhiyaa sabakaa shire Indaasilasseef phaapaasii kan ta’an Abuna Pheexroos akka jedhanti, filannoon kaadhiimamtootaa seeraan ala kanneen jedhan dogoggoraniiru. Seera waldaa ortoodooksitti hordoofee kan gaggeeffamee dha jechuu isaanii Mulugeetaa Atsbahaa gabaasee jira.
Forum