Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaa Keessatti Poolisoonni Hiriirtota Mormiitti Gaazii Imimmaansisu Dhukaasan


Poolisiin hiriirtotatti gaazii nama imimmaanesisu oggaa dhukaasu, Naayroobii, Keeniyaa, Adoolessa 19, 2023.
Poolisiin hiriirtotatti gaazii nama imimmaanesisu oggaa dhukaasu, Naayroobii, Keeniyaa, Adoolessa 19, 2023.

Poolisiin Keeniyaa Roobii har’a mormitoota akeekkachiisa mootummaa diduun daandii irratti bahan irratti gaazii imimmaansuu dhukaasee jira. Kunis erga hiriirri kanaan duraa gaggeeffame gara jeequmsaatti jijjiiramee namoonni kudhanii ol ajjeefamanii booda.

Mormitoonni mootummaa prezidaant Wiliyaam Ruutoo irratti hiriira mormii guyyoota sadii walitti aansuun gaggeessuuf dhaadachuudhaan, hawaasnii addunyaa rakkoo biyyattiif furmaata siyaasaa akka baraachiisu hubachiisan.

Naayiroobii fi magaalota biroo keessatti manneen barnootaa fi manneen daldalaa cufamanii kan turan yoo ta’u, lammiileen Keeniyaa mufatan hedduun gamii lamaan waldhabdee kana akka walitti dhufuun ilaalan gaafataniiru.

Poolisiin garee hiriirtota Naayiroobii keessatti bakka gandaa Kibera, bakka deggersii cimaa Odingaa jiru keessatti gareewwan hiriirtota faffaca’an irratti gaazii imimmaansuu kan dhukaase yoo ta’u, waajjiraaleen naannoo daldalaa magaalaa guddoo biyyattii keessatti argaman baay’inaan cufamaniiru.

Hogganaan paartii mormituu Raayilaa Odiingaa mootummaa seeraan alaa fi rakkoo qaala’iinsa jireenyaaf komatamuu qaba jedhan irratti hiriira guddaa bahuun ji’a kana keessa yeroo sadaffaati.

, Biyyoonni gama dhihaa 13 Kibxata kaleessaa ibsa waloo baasaniin, jeequmsa tibbana hiriira gaggeeffamee waliin walqabatee uumameen yaaddoo qaban ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG