Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kaabaa Roobii Har’aa Misaa’eloota Fageenya Gabaabaa Lama Furguggiste


Suuraa TV Sool Raayil Waay Isteeshinii jedhamu irraa fudhatame yeroo misaa'elli furguggifamu agarsiisu, Kooriyaa Kaabaa. Adoolessa 19, 2023.
Suuraa TV Sool Raayil Waay Isteeshinii jedhamu irraa fudhatame yeroo misaa'elli furguggifamu agarsiisu, Kooriyaa Kaabaa. Adoolessa 19, 2023.

Gochii kunis xiinxaltoonni Seoul tokko tokko akka jedhanti, doonii Niwkleeraa kan tarsimoo of-eeggnsnoof bishaan jalaa deemtu kan Amerikaa sa’aatii muraasa dura magaalaa buufata doonii Kooriyaa Kibbaa keessa buufatte irratti, balaa dhoksaan gaggeeffamuuf ta’uu danda’a jedhan.

Misaa’eloonni balistikii fageenya gabaabaa lama naannoo Sunan kan magaalaa Piyoongiyaangitti dhyeenya qabu irraa kan dhukaafaman ta’u isaanii, Hoggantoonni Waliinii kan Kooriyaa Kibbaa himaniiru.

Misaa’eloonni kunneen gara kiiloo meetira 550 kan imalan yoo ta’u, bishaan gara suluula Kooriyaatti bahaatti faca’uu isaanii ibseera.

Furguggifamuun misaa’ilaa kun, fudhatama kan hin qabne ta’uu kan himan ministirri ittisaa Jaappaan, ministeerri haajaa alaa isaanis kana ilaalchisee mormii galmeessee jira jedhan.

Kooriyaan Kaabaa torban hedduudhaaf dooniin bishaan jalaa niwukilara baatuu kan Amerikaa akka hinqubannee akeekkachisaa turte. Doniin kun kan misaa’ela baalistik Triidant-2 jedhamu 20 fe’uu dandeessu fi, meeshaa niwukilaraa kiiloo meetira 12,000 deemuu danda’u fe’attee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG