Naannoo Gambeelaa gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduutti walitti bu’iinsa Roobii kaleessaa uumameen namoonni lakkoobsi isaanii hin beekamne du’uu mootummaan naannoo sanaa beeksisee jira. Dubbi himaan mootummaa naannoo Ogaatuu Adiing VOAf akka ibsanitti Roobii dhaa qabee uggurri sa’aa hojii irra ooleera jedhan. Dubbi himaan kun itti dabaluu dhaan walitti bu’iinsi gosaa ji’a lam dura naannoo Itaangitti jalqabamee magaalaalee Gambeelaa ka birootti babal’ate, uggurri sa’aa guutummaa naanno sanaatti akka tolfamuuf sababaa ta’e jedhan.
Haa ta’u malee lakkoobsa namoota walitti bu’iinsa gosaa sana keessatti du’anii fi eenyummaa isaanii hin ibsine. Gama biraan Yuniversitiin Gambeelaa barsiisaan maqaan Ni’aal Pooch jedhamanii fi barataan Ujuluu Timootii jedhamu jalqaba torbanii ajjeefamuu beeksisee jira. Ajjeechaan sun garuu walitti bu’iinsa boodanaa waliin dhidhata qabaachuu fi dhiisuu dubbi himaan mootummaa naannoo Gambeelaa VOAf hin mirkaneessine.
Hookkara mgaalaa Gambeelaa keessatti ka’eef dubbi himaan kun gareelee hidatanii fi finxaaleyyii garee gosoota lamaanii himatan jechuu dhaan Gebremikaa’el Gebremedin gabaaseera.
Forum