Keeniyaa keessaa sababaa qaala’iinsa jireenyaa fi dilaalli dabaluu isaan kanneen mufatatanii hiriira mormii geggeessan lammiiwwan biyyattii irratti poolisiin dhkaasa banuun nama lama ajjeesii kanneen biroo 26 erga madeessee booda kamisa har’aas mormiin kan itti fufan ta’uu hiriirtonni ibsanii jiru jedha gabaasi Associated Press.
Hoogganaan garee mormituu Raayilaa Odiingaa "sagaleen uummataa dhaga’amuu qaba, mormiin karaa nagaa geggeessas itti fufa” jechuu dhaan fuula tuwiitera isaanii irratti barreessan.
Prezidaantiin Keeniyaa William Ruuttoo gama isaaniin mormiin uummataa kam iyyuu akka hin geggeessamne dhaadatanii, Odiingaa waliin kallattiin kan dura dhaabbatan ta’uu ibsan. Mormiin Roobii qabee hanga jimaataatti waamame kun ji’a kana keessa mormii mormitoonni waaman isa sadaffaa dha.
Forum