Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afriikaa Kibbaa Prezidaantiin Raashiyaa Gumii Biyya Ishee Keessatti Geggeessamutti Akka  Hin  Hirmaanne Beeksiste 


FAAYILII - Prezidaantii Afriikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa
FAAYILII - Prezidaantii Afriikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa

Afriikaan Kibbaa prezidaantiin Raasyaa Vilaadmir Putiin gumii baatii Hagayyaa keessa geggeessamu irratti akka hin argamne ibsuu dhaan Pritooriyaan dirqama sadarkaa addunyaa irra jiru ba’uuf jecha Putin-n to’annaa jala oolchuu fi dhiisuu ilaalchisee falmii jiru xumuraan ga’ee jira. Putin ennaa Raashaan Yukireeniin weerartetti yakka waraanaa raawwatan jedhamuu dhaan mana murtii yakka qoratu kan sadarkaa addunyaan barbaadamu.

Dubbi himaan prezidaant Siriil Ramaafoosaa Vinsent Magiweenyaa, walii galtee waloo irra ga’amen prezidaant Putin gumii garee BRICS jedhamu irratti hin hirmaatan, haa ta’u malee Raashiyaan ministeera haajaa alaa Sergeey Laavrooviin bakka ni buufamti jedhan.

Ibsi kun kan dhaga’ame, Ramaafoosaan yoo Putin biyyattii seenan to’annaa jala oolchuun waraana labsuu akka ta’e amanuun isaanii erga ibsamee guyyaa tokko booda. Walii galtee seera mana murtii yakka qoratu ICC kan Room irratti kan mallatteessite Afriikaan kibbaa, mormitoonni siyaasaa fi gareewwan mirgaaf falman waadaa galte akka kabajuuf dhiibbaan godhanis, ajaja kana mala itti hojii irraoolchuun itti danda’amu barbaadaa turte.

Yuniversitii Witwatersrand kan Joohaansberg jirutti profeesera seeraa kan ta’an Mi’aa Siwaart VOAf akka ibsanitti Afriikaan kibbaa amma tarkaanfii isa kamiinuu fudhachuu irraa walaba taatetti jedhan.

Mootummaan tarkaanfii seeraa ji'a darbe keessa ilaalaa ture kamiyyuu kan akka miseensummaa ICC keessaa ba’uu dabalatee barbaachisaa hin turre jedhan Sewaart. Labsiin mootummaa kun dirqama sadarkaa addunyaa jlaa ba’uun akka hin danda’amne hubachuu isaanii mul’isa jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG